Ulaa Galaanaa Guddina Diinagdee Naannawaaf…

Finfinnee, Hagayya 17, 2018 (FMC)- Ulaan galaanaa diinagdee, daldalaa, nageenyaa fi hariiroo idil-addunyaa biyya tokkoof baay’ee murteessaadha.

Abbummaa ykn mirga ulaa galaanaa mirkaneessuun dhimma salphaatti ilaalamu miti; keessumaa siyaasaa idil-addunyaa fi hariiroo ji’oo-poolitiksii keessatti dhimma baay’ee murteessaa ta’edha.

Biyyoonni ulaa galaanaa qaban guddina diinagdee isaanii irra darbee, naannawa isaanii keessatti dhiibbaa siyaasaa, nageenyaa fi dippilomaasii olaanaa uumuu danda’u.

Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne ammoo gabaa idil-addunyaa keessatti qooda fudhachuuf biyyoota buufata galaanaa qaban irratti hirkatu.

Hirkattummaan kunis biyyoonni ulaa galaanaa qaban taarifa, kaffaltii tajaajila buufataa fi seera tiraanzitii fayyadamuun olloota isaanii irratti dhiibbaa siyaasaa olaanaa taasisu.

Biyyoonni ulaa galaanaa qaban yeroo rakkoo keessatti daldala isaanii alaa fi dhiyeessii boba’aa isaanii gidduu seentummaa qaama sadaffaa malee itti fufsiisuu danda’u. Kunis bilisummaa siyaasaa isaanii cimsuuf gargaara.

Ulaa galaanaa qabaachuun humna waraana galaanaa cimaa ijaaruu fi qabeenya galaanaa naannawa isaanii keessa jiru eeguuf dandeettiis ni uuma. Dandeettiin kunis sodaa nageenyaa ittisuuf, akkasumas dhimma nageenyaa naannawaa irratti gahee murteessaa akka qabaataniif gargaara.

Biyyoonni naannawa daandiiwwan galaanaa murteessoo, kanneen akka Bab El-Mandeb, Suwiiz Kaanal ykn ulaa Hormuzitti argaman, sochii daldala idil-addunyaa dammaqinaan hordofuu fi to’achuu waan danda’aniif, biyyoota addunyaa biroo waliin dandeettii marii fi waliigaltee uumuu isaanii olkaasu.

Biyyoota ulaa galaanaa hin qabneef daandii daldalaa banuu ykn cufuu ilaalchisee waliigalteewwan taasifaman yeroo baay’ee ulaagaalee tumsa siyaasaa fi nageenyaa waliin walqabatu.

Hammattoowwan tumsaa naannawaa keessatti, biyyoonni ulaa galaanaa qaban giddugala walitti hidhamiinsa diinagdee fi geejjibaa waan ta’aniif, murtiiwwan siyaasaa faayidaa isaanii waliin akka walsimsiisaniif haala mijeessaafi.

Ulaan galaanaa guddina diinagdee, babal’ina daldalaa, misooma indaastirii, invastimantii hawwachuu fi walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu isheetiin baasii geejjibaa olaanaa, hirkattummaa alaa, qaala’iinsa gatii oomishaa, akkasumas rakkoo nageenya biyyaalessaa fi invastimantiif saaxilamteetti.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma faayidaa biyyaalessaa, birmadummaa fi jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyaa kabachiisuuti.

Itiyoophiyaan yeroo dheeraaf buufata galaanaa irraa ittifamtee itti fufuu akka hin dandeenye hubachuun, hawaasni idil-addunyaa gaaffiin haqaa biyyattii deebii akka argatuuf hojjechuun barbaachisaa yoo ta’u, Itiyoophiyaanonni hundi gaaffiin biyyaalessaa kun hanga deebii argatutti tokkummaan dhaabbachuu qabu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment