Gaanfi Afrikaa addunyaa keenyarraa sararoota daldalaa tarsiimawaa ta’an keessaa tokko ta’us tasgabbii dhabuun naannawichaa dandeettii isaa guutummaatti akka hin fayyadamneef gufuu ta’eera.
Haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaan dhimmoota guddina diinagdee biyya tokkoo waaressan keessaa dandeettii faayidaa biyyaalessaa eegsisuu uumuu yoo ta’u gaaffiin mirgaafi uumamaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaas dhugaa kanarraa kan maddudha.
Fedhiin kun warreen kaaniin kan dhiibu osoo hin taane naannawichatti abdii diinagdee haaraa kan uumu, fayyadamummaa waloofi waliin guddachuu kan jajjabeessu waamicha misoomaati.
Ulaa galaanaa argachuun daldala biyya tokkoo saffisiisuurra darbee qabeenya qurxummii waloon misoomsuu, walitti hidhamiinsa geejjiba galaanarraa uumuu, fi tuurizimii qarqara galaanaa dadammaqsuuf carraa bal’aa kan uumudha.
Itiyoophiyaan biyya humna namaa baay’ee fi dandeettii gabaa guddaa qabdu waan taateef ulaa galaanaa kallattiin argachuun ishee guddummaa ulaa galaanaa Gaanfa Afrikaa daran jabeessa.
Sosochiin daldalaafi loojistiksii galaanarraa wayita babal’atu carraan misoomuu biyyoota ulaa galaanaa qabaniis kan guddatu yoo ta’u walumaa gala qabeenya uumamaa Baha Afrikaatti argamu waloofi haqummaan itti fayyadamuuf daandii haaraa saaqa.
Fedhiin ulaa galaanaa kun dhugoomuu kan danda’u walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa waliin yoo qindaa’edha. Kanaaf ammoo Itiyoophiyaan biyyoota naannawichaa baaburaan, daandiiwwan saffisaa fi anniisaa haaromfamaan walitti hidhuuf tattaaffii guddaa taasisaa jirti.
Babal’achuun sararoota baaburaa, dhiyeessiifi walitti hidhamiinsi humna elektirikaa dabaluun buufataalee si’eessuufi dorgomaa taasisuun diinagdee biyyoota Gaanfa Afrikaa qindeessuun carraaleen gabaa akka uumamaniif haala mijataa uuma.
Kanaafuu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa biyyaalessaarra darbee nageenya waaraa Gaanfa Afrikaaf akkasumas badhaadhina waloo naannawichaaf gahee olaanaa taphata.
Waliingahiinsa buufataa bu’uuraalee misoomaafi guddina diinagdee waliin walitti hidhuun naannawicha gara giddugala diinagdeetti jijjiiruun kan danda’amu yoo ta’u shakkii biyyoota gidduu jiru dhabamsiisuun boqonnaa haaraa tumsaafi fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e kan uumudha.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ishee kan mirkaneessuu qofa osoo hin taane carraa guddaa badhaadhina waloo Gaanfa Afrikaa dhugoomsudha.
#Oromia #Ethiopia