Warraaqsa Anniisaa: Olka’iinsa Hundagaleessa Itiyoophiyaaf

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Guddina diinagdeefi ce’umsa indaastirii biyya tokkoof akkasumas badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf dhiyeessiin anniisaa gahee olaanaa qaba.

Itiyoophiyaanis imala olka’iinsaa dameewwan garaagaraa keessatti jalqabde dhugoomsuu kan dandeessu, bu’uuraalee misoomaa anniisaa amansiisaa fi itti fufiinsa qaban yoo qabaatte qofa.

“Haaromsa Itiyoophiyaa humna elektirikaa malee yaaduun hin danda’amu. Dhiyeessiin humnaa elektirikaa lafee dugdaa ce’umsa indaastirii, qonnaa fi teeknooloojii keenyaati. Humna elektirikaa kan oomishnu ofii keenyaaf qofa ifa argachuuf osoo hin taane, biyyoota naannawichaa dinagdeen walitti hidhuu fi obbolummaa Afrikaa misooma waloo irratti hundaa’e cimsuuf dha,” jechuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahmed wayita tarbaayiniin jalqabaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa humna elektirikii oomishuu eegalu dubbatanii turan.

Dubbiin isaanii kunis badhaadhina waliigalaa biyya tokkoof humni elektirikaa hangam murteessaa akka ta’e kan agarsiisudha. Ciminni dinagdee biyya tokkoo fi badhaadhinni uummata ishee, sadarkaa dhiyeessii anniisaa qabdurratti hundaa’a.

Kanaafuu, maddeen anniisaa haaromfamaa misoomsuun, ce’umsa indaastirii, teeknooloojii fi ce’umsa magaalummaa saffisiisuuf hojjetamaa jira.

Waggoottan torban darban keessatti hojii bal’aan humna elektirikaa irratti hojjetameen, dandeettiin oomisha humna elektirikaa biyyattii meeggaawaatii kuma 4 fi 462 irraa ka’uun dachaa lamaa ol guddachuun, meeggaawaatii kuma 9 fi 730 olirra gaheera.

Yeroo ammaa humni elektirikaa Itiyoophiyaan maddisiistu guutummaatti haala jechuun danda’amuun maddeen anniisaa haaromfamaa irraati. Isaanis humna bishaanii, humna qilleensaa, humna balfa gogaa, humna aduu fi humna hurka lafa jalaati.

Imala olka’iinsaa seenaa qabeessa kana keessatti, adda durummaan kan eeramu Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa gara hojiitti galuudha.

Hidhi kun tarbaayinoota isaa hundaan guutummaatti humna elektirikaa maddisiisuu wayita eegalu dandeettii meeggaawaatii 5,000 ol maddisiisuu qabaata.

Kana malees, pirojektiin humna ibsaa Kooyishaa, ijaarsisaa % 77 irra gahe, yeroo xumuramutti humna dabalataa meeggaawaatii kuma 1fi 800 maddisiisa.

Humna elektirikaa amansiisaa fi gatii madaalawaa indaastiriiwwan oomishaa, Konistiraakshinii fi paarkiiwwan teeknooloojiif dhiyeessuun, oomishtummaa biyya keessaa guddisuurra darbee sharafa alaas dabalaa jira.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatti elektirika gurguraa kan jirtu yoo ta’u, Taanzaaniyaa fi biyyoota Baha Afrikaa birootti sararoota dabarsa humna elektirikaa diriirsuun gurgurtaa jalqabuuf waliigalteewwan taasifaman hojiirra oolaa jiru. Kunis Itiyoophiyaa giddugala anniisaa naannawichaa akka taatu taasisa.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kitaaba isaanii “Daandii Ida’amuu” jedhu keessatti akka ibsanitti, misoomni fi guddinni dhugaa kan mirkanaa’u tattaaffii biyya keessaa qofaatiin osoo hin taane, biyyoota ollaa waliin walitti hidhamiinsa dinagdee cimaa fi faayidaa waloon.

Gurgurtaan humna elektirikaa walitti hidhamiinsa daangaa ce’u uumuun, walitti hidhamiinsa naannawaa saffisiisuu fi ijaarsa nageenyaa keessatti shoora olaanaa qaba.

Warraaqsi anniisaa olka’iinsa hundagaleessafi ce’umsa diinagdee Itiyoophiyaaf bu’uura.

Itiyoophiyaan dandeettii olaanaa anniisaa haaromfamaan qabdu sirnaan fayyadamuun hiyyummaa keessaa akka baatuu fi giddugala anniisaa naannawichaa ishee taasisa.

Dhiyeessiin humna elektirikaa sadarkaa jireenyaa lammiilee fooyyessuuf, qaqqabummaa elektirikaa babal’isuuf, akkasumas Itiyoophiyaa giddugala anniisaa haaromfamaafi dinagdee magariisaa Afrikaa taasisuuf hojjetamaa jira. Kunis imala olka’iinsaa biyyattii saffisiisaa kan jiru ce’umsa seenaa qabeessa dha.

Taarikuu Laggasaan.

Comments (0)
Add Comment