Ummanni malaanmaltummaa irratti abbummaan qabsaa’aa jira- Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Ummanni malaanmaltummaa irratti abbummaan qabsaa’aa jira jedhan Komishinarri Komishinii Farra Malaanmatummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqaatoo.

Yaa’iin Hariiroo Komishinaroota Farra Malaanmaltummaa Biyyaalessaa 17ffaan magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Dooktar Saamu’eel Urqaatoo wayita kana waggoottan darban ijaarsa dhalootaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka ture ibsan.

Qabsoo malaanmaltummaa ittisuu irratti hojii hubannoo cimsuu hojjetameen ummanni abbummaan qabsaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Ejjennoo yeroo ammaa mootummaan malaanmaltummaa irratti qabatee jiru qabsoo malaanmaltummaa ittisuuf taasifamu bu’aa qabeessa gochaa jiraachuu eeraniiru.

Komishinichi bara baajataa darbe ijaarsa naamusa gaarii, malaanmaltummaa dursanii ittisuufi seera kabachiisuurratti raawwii bu’aa qabeessa galmeessisuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment