Uummatni Tigraay Tuuta yakkamtoota muraasaan hidhamee jira – Obbo Geetaachoo Raddaa

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Uummatni Tigraay tuuta yakkamtoota muraasaa aangoof jedheei saaphana badii diriirseen hidhamee jira jedhan Gorsaan Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa

Waltajjiin marii haala yeroo Naannoo Tigraay, sochiiwwan nagaa fi misoomaa fi fayyadamummaa uummataa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Obbo Geetaachoo Raddaa waltajjicharratti argamuun, aadaa hojii cimaa kan qabu uummatni Tigraay sababa garee yartuu kanaan fayyadamummaa misooma biyyattiin ala akka ta’e dubbataniiru.

Sochii misooma Naannoo Tigraay gufachiisuuf adeemaa jiru balaaleffachuun, jireenya naannichaa mirkaneessuun garaagarummaa siyaasaa olitti ajandaa waloo Itoophiyaanota hundaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa jajjabeessoon kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti hojjetamaa jiran Naannoo Tigraayiin yeroo dheeraaf osoo hin qaqqabin hafuun akka isaan yaaddesse ibsuun, naannichatti nagaa waaraa buusuun hojiiwwan misoomaa fulduraaf bu’uura murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Naannoo Tigraayitti hojiiwwan misoomaa cimani akka itti fufan yoo barbaadame, jalqaba nagaaf dursa kennuun akka barbaachisu cimsanii hubachiisaniiru.

Sababa garee qindeessitoota badii yartuu naannicha waggoota dheeraaf hacuuccaa fi gocha yakkaa keessa tursiisaa turaniin uummatni misoomarraa akka hin fayyadamne ta’eeras jedhan.

Ammas naannichatti nagaa fi misoomni akka hin jiraanneef adeemsi qaamonni badii darbe irraa barachuu hin barbaanne kun hordofaa jiran jireenya naannichaaf qormaata ta’uu kaasaniiru.

Miidiyaaleen nagaa fi misooma naannichaa akka qananiitti osoo hin taane, akka gaaffii bu’uura jireenyaatti ilaluun dhimma waloo akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru.

Gizaachoo Girmaayeetu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment