Waliingahiinsa anniisaa  soolaarii cimsuuf hojjetamaa jira- Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC)- Fayyadamummaa anniisaa soolaarii guddisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhe Ministeerri Bishaanii fi Inarjii.

Pirojektoonni anniisaa soolaarii giriidii xixiqqaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Qunbii gandoota Haroo Gurraatii fi Hariirootti ijaaraman guyyaa har’aa eebbifamaniiru.

Pirojektoonni kunniin xumuramuun tajaajila kennuu kan eegalan yoo ta’u uummannis tajaajila argataniin gammachuu isaanii ibsataniiru.

Pirojektiin Hariroo Hospitaalota, manneen barnootaa fi dhaabbilee biroo tajaajila ibsaa akka argatan gochuu danda’uun isaa eerameera.

Pirojektoonni baasii Birrii miiliyoona 600 fi miiliyoona 40n ijaaraman kunniin walumaagalatti anniisaa soolaarii kiiloo-waatii 800 maddisiisuu danda’u.

Yeroo ammaa kana abbootiin warraa 477 tajaajila ibsaa kana irraa fayyadamoo yoo ta’an, pirojektiin kun walumaagalatti abbootii warraa kuma 3 fi 646 fayyadamoo gochuu danda’a jedhameera.

Tajaajilli elektirikii kun sosochii hawaasummaa fi diinagdee jiraattota naannichaa cimsuu fi sadarkaa jireenya isaanii fooyyessuu keessatti shoora olaanaa akka taphatus ibsameera.

Zabiib Taklaay’tu gabaase.

#Oromia#Ethiopia

Comments (0)
Add Comment