Walitti qabaa duraanii Boordii Hoggansa FMC Diyaaqoon Daani’eel Kibratiif gaggeessan taasifame

Finfinnee,Waxabajjii 6, 2018 (FMC) – Walitti qabaa duraanii Boordii Hoggansa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Diyaaquun Daani’eel Kibratiif gaggeessan taasifameera.

Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibrat Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeeshinii fi Waaltaa Miidiyaa fi Kominikeeshiniin walitti makamuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii erga hundeessanii eegalee Walitti Qabaa Boordii hoggansa dhaabbatichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Adeemsa walitti makamuu milkeessuu eegalee dhaabbata miidiyaa jabaa akka ta’uuf gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa fi Walitti Qabduu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii ta’uun kan mudaman Innaatalem Mallasii fi miseensonni boordichaa Diyaaqoon Daani’eel Kibratiif gaggeessaa kabajaa taasisaniiru.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetaniif galateeffataniiru.

Diyaaqoon Daani’eel Kibrat yeroo ammaa Walitti Qabaa Boordii Hoggansa EBC ta’uun tajaajilaa jiru.

Hebroon Waaltawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment