Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC)- Waltajjiin marii bu’aalee damee hawaasummaan waggoottan darban keessa galmaa’an irratti dhiyaatan bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.
Waltajjichi mata duree “ Milkaa’ina misooma hawaasummaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, bu’aaleen waggoottan saddettan darban keessa dameewwan barnootaa, fayyaa, carraa hojii uumuu ogummaa irratti hundaa’e, aadaa, og-aartii fi Ispoortiin akkasumas dhimma dubartootaafi hawaasummaan galmaa’an waltajjichaan akka xiinxalaman Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
#Oromia #Ethiopia