Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Manni Maree Ministirootaa wixineen baajata bara 2019 Birrii Tiriiliyoona 2.33 ol ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka qajeelfamu murteesseera.
Manni Marichaa walga’ii idilee 56ffaa gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
Manni Marichaa jalqabarratti diingadee gooroo bara giddugaleessaa (2019-2023) fi hammattoo Fiiskaalaarratti mari’ateera.
Fooyyeessiin diinagdee gooroo erga hojiirra oole as diinagdeen Itiyoophiyaa rakkoo isa mudaterraa bahaa bu’uuraaleen diinagdee cimaa dhufaniiru.
Haammattichi bu’aa jajjabbeessoo fooyyeessii diinagdee gooroon argaman caalmaatti cimsanii itti fufsiisuuf diinagdeewwan ijoo fi Fiiskaala irratti hundaa’uun karoora bara baajata 2019 Mootummaa Federaalaaf ka’uumsa ta’ee akka tajaajiluuf qophaa’e dhiyaateera.
Manni Marichaas haammatticharratti bal’inaan erga mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Manni Marichaa itti aansuun kan mari’ate Wixinee labsii Baajata Mootummaa Federaalaa Bara 2019 irratti.
Baajanni mootummaa federaalaa bara 2019 qaama karoora misooma waggaa 10 jechuunis bara (2019-2021) karoora misoomaa fi invastimantii kan taa’e galmoota diinagdee gooroo fi hammattoo fiiskaalaa bara giddugaleessaa bu’uura godhachuun akkasumas sagantaa raawwii baajata bara 2018 ka’umsa godhachuun fuulduratti jiraachuu kan malan kallattii ce’umsa hawaasummaa fi diinagdee kaayyowwan akkasumas galmoota mootummaan kaa’aman milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi ergamaa fi dirqama manneen hojii raawwachiiftootaa bu’uraa godhachuun baasii barbaachiisu gamaaggamuun qophaa’e dhiyaateera.
Haaluma kanaan baasiiwwan idiileef, baasiiwwan kaappitaalaaf, deeggarsa Mootummoota naannoleef, galmoota misoomaa waaraa raawwachisuuf kan ooluu baajanni Mootummaa Federaalaa Birrii (2,339,268,126,738) tiriiliyoonni 2fi biiliyooonni 300 fi biiliyoonni 39fi miiliyoona 200 fi miiliyoonni 68 fi kumni 100 fi kumni 26 fi 738 ta’ee Mana Marichaaf dhiyaateera.
Manni Marichaas wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bali’naan erga mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.
#Oromia #Ethiopia