Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC)- Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa walakKaa Xumuraaf Arsenaal Atileetikoo Maadriid waliin ni taphata.
Kilaboonni lameen halkan kana Sa’aatii 4:00 irratti Istaadiyeemii Emireetitti wal morku.
Gareen kunneen tapha torbee darbe taphataniin galchii 1-1 qixa adda bahaniiru.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa baranaa irratti gahuumsa olaanaa agarsiisaa kan jiru Arsenaal, tapha kana mo’achuun gara xumuraatti ni darba tilmaamni jedhamuun kennameefira.
Atileetikoo Maadriid gamasaan morkii cimaa ni taasisa jedhame eegama.
Arsenaal Shaampiyoonsii liigichaan yeroo 2ffaaf Atileetikoo Maadriid yeroo 4ffaafa xumuraaf darbuuf ni taphatu.
Gareen Lachuu Geeba Shaampiyoonsii Liigii fudhatanii hin beekan.