Yaadonni furmaataa ajandaa gareewwan hojiif dhiyaachuu eegalan

Finfinnee, Hagayya 2, 2018 (FMC) – Yaadonni furmaataa ajandaa gareewwan hojiif dhiyaachuu eegalaniiru jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa.

Miseensonni garee 30 tokkoon tokkoo gareewwan hojii 500 irraa filataman yaadota furmaataa ajandaa gareewwan tarsiimawaa irraa dhiyaatan qindaa’uun gareewwan hojii miseensota 500 qaban 8’f dhiyaachuu eegalaniiru jedhe.

Adeemsi marii yaadota ajandaa qindeeffaman irratti gaggeeffamu kun Wiixata dhufu kan itti fufu ta’uus beeksiseera.

Sadarkaa marii kanarratti mari’attoonni marii bal’aa taasisuun yaada furmaataa xumuraa dhiyeessuuf marii ho’aa kan irratti gaggeessanidha jedheera komishinichi.

Comments (0)
Add Comment