Finfinnee, Hagayya 4, 2026 (FMC) — Yaadonni mari’attoonni kaasan Itiyoophiyaa giddugala godhachuu qabu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.
Proofeesar Masfin Ar’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, adeemsa yaa’ii kanarratti yaadonni garaagaraa dhiyaachuun akkaataa sagantaa qabameen irratti mari’atamaa akka jiru ibsaniiru.
Yaada namoonni maricharratti kaasan hordofee walkabajuu dhabuun akka hin uumamneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Qajeeltoon jalqabaa marichaa walkabajuu akka ta’e kaasanii, mari’attoonniifi mariisistoonni adeemsa marichaarratti walkabajuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dabalataanis waliin mari’achuu, waldhaggeeffachuu fi gara giddugaleessaatti dhufuu akkasumsa yaadonni isaanii Itiyoophiyaa kan giddugaleeffatan ta’uu akka qaban ibsaniiru.
Hanga ammaatti ajandaaleen murtoon itti kenname kan hin jirre ta’uufi gara fuulduraattis akka hin jiraanne hubachiisaniiru.
Jiraachuu kan malu yaada furmaataa dhiyeessuu akka ta’e kaasanii, innis yaa’ichi erga xumurameen booda qaama seera baastu, raawwachiistuufi hiiktuu dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatuf ni dhiyeessina jedhan.
Adeemsa yaa’ichaa irratti yaadonni waliif hin galle garaagaraa ka’uun waanuma jiru akka ta’e eeruun, kunis gara fuulduraatti adeemsa yaadota gara giddugaleessaatti fiduuf bu’uura kan kaa’aan ta’uu ibsaniiru.
Immabeet Siisaayiin.
#Oromia #Ethiopia