Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Yaa’ii 18ffaan hoggantoota biyyoota miseensa BRICS waltajjii sagalee Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaatti akkaan ol kaasedha jedhan Qorataa Olaanaan Inistiityuutii Ministeera Dhimma Alaa obbo Shimallis Hayiluun.
Ajandaaleen Yaa’ii 18ffaa BRICS irratti dhiyaatan kaayyoo fi karoora biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin hidhata cimaa qaba jedhan obbo Shimallis Hayiluun.
BRICS dhaabbata madaala haala siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa addunyaa si’anaa eeguuf hundaa’e ta’uu ibsan.
Dhaabbata biyyoonni guddachaa jiran mirga isaanii kabachiisuuf hundeessan akka ta’e himan.
Yaa’ii 18ffaanis mata duree, ‘cichoomina, kalaqa, tumsaa fi Itti fufiinsa ijaaruu’ jedhuun kan taa’ame ta’uu isaan karoora fi mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsan.
Ajandaaleen yaa’ichaan irratti waliigalame hundi karooraa Itiyoophiyaan baafattee irratti hojjetaa jirtu waan ta’eef Itiyoophiyaaf milkaa’ina olaanaa ta’uu dubbatan.
Kanaaf yaa’ichi karoora Itiyoophiyaaf beekamtii guutuu kennuu eeran.
Imaammanni alaa Itiyoophiyaa dantaa ofii qixa sirriin eegsisuu fi kabachiisurratti kan hundaa’e waan ta’eef yaa’ichis dhimmoota kana cimsee deeggara jedhan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti yaadni dhiyeessan guutummaatti hirmaattoota yaa’ichaan deeggarsa argachuu isaa ibsan.
Gaaffiin karra galaanaa, karoorri guddina Teeknooloojii, gaaffiin miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu Itiyoophiyaa yaa’ichaan deeggarsa guutuu argachuu kaasan.
Gama biroon mariin gamlameen yaa’icha cinatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin taasifame olka’iinsa dippiloomaasii Itiyoophiyaa kan mirkaneessan turan jedhan.
Itiyoophiyaan bakka buutuu Arfikaa ta’uun sagaleen ishee sadarkaa addunyaatti kan dhaga’ame waltajjii bu’aa qabeessa ture jedhan.
Itiyoophiyaan yaa’icharratti bu’aalee dippiloomaasii hedduu baasii salphaan milkeessuu dandeesserti jechuun eeran.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia