Yaa’ii bifa dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuurratti xiyyeeffate…

Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afrikaa bifa dhugaa fi seenessa Afrikaa sirrii addunyaatti beeksisuurratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira.

Rogeeyyiin miidiyaalee hawaasaa biyyoota Afrikaa 30 irraa dhufan 61 yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Rogeeyyiin kunneen hordoftoota miiliyoona 300 fi miiliyoona 21 ol qabu.

Hirmaattotni kunneen Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa, Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtu kan wiirtuu konvenshinii idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiruufi wiirtuu oomisha buddeenaa Gullallee daawwataniiru.

Akkasumas, pirojektoota gurguddoo Finfinnee keessatti ijaaraman, misooma koriidariifi hojiiwwan misoomaa adda addaas daawwataniiru.

Yaa’ichi har’a dhimmoota Hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuun qabiyyee uumtotni gara fuulduratti maqaa gaarii Afrikaa ijaaruufi dhiibbaa dijiitaalaa “Agenda 2063” kan Gamtaa Afrikaa waliin walsimsiisuu jedhurratti ni mari’ata.

Yaa’ii Afrikaan seenaa ishee ofii isheetiin seenessuu eegalte caalmaatti cimsuuf gahee guddaa qabuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment