Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC)- Yaa’iin marii biyyaalessaa agarsiistuu guddummaa Itiyoophiyaati jedhan dargaggoonni yaa’icharratti hirmaatan.
Yaa’iin marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jiru gara xumuraatti dhihaachaa jira.
Dargaggoonni yaa’icharratti hirmaachaa jiran, waltajjichaan sagaleen hirmaattota hundaa dhagahamuu, akkasumas waltajjii guddaa Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mariin furaa jirtu ta’uu ibsan.
Hirmaataan yaa’ichaa dargaggoo Taarreqeny Baalaachoo akka ibsetti, waltajjiin marii biyyaalessaa kun Itiyoophiyaan biyya guddoo ta’uu ishee kan agarsiisuudha.
Akkasumas, namoonni kutaalee hawaasaa garaagaraa irraa walitti dhufuun, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf tokkummaan irratti mari’atanidha jedhe.
Adeemsi marii kun biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo gaarii ta’uus kaaseera.
Hirmaattuun biraa Gannat Mallasaw ammoo adeemsi marichaa hammataa ta’uu kaasuun, waliigaltee biyyaalessaa cimsuun nageenya waaraa mirkaneessuuf gahee olaanaa akka qabu abdii qabdu ibsiteetti.
Marichaan ijaarsa biyyaaf tokkummaan kan itti dhaabbannedha kan jedhe ammoo hirmaataa biraa Fitii Hasani.
Mari’attuun biraa Madihaanit Mitikkuu gama isheen, marichi waldhabdeewwan mariin hiikuu akka qabnu kan nu hubachiisudha jechuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia