Finfinnee, Hagayya 8, 2018 (FMC) -Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni ajandaalee biyyaalessaa irratti waliin akka mari’atan carraa uumeera jedhan Hirmaattoonni marichaa.
Garaagarummaa fi waldhabdee seenaa, siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee waggoota dheeraaf Itiyoophiyaa qoraa turan, marii fi marabbaan karaa nagaan minjaala tokko irratti furmaata itti barbaaduuf carraan uumeeraas jedhan.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kunis lammiileen dhimma biyyaalessaa irratti waliigaltee fi hubannoo waliinii uumuu akka danda’aniif boqonnaa seenaa haaraa baneera.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinnee, Giddugala Koonveeshinii Idil Addunyaa Addisiotti gaggeffamaa jiru amma marsaa xumuraarraa gaheera.
Hirmaataan mariichaa Tashaalaa Allebbachew marichaan ajandaalee biyyaalessaa ijoo irratti bal’inaan mari’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Kutaalee hawaasaa sadarkaa adda addaa irraa dhufan hirmaachaa kan jiran ta’uu fi garaagarummaa yaadaa keessummeessuun, marichi hammataa fi hirmaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ajandawwan waggoota dheeraaf madda garaagarummaa Itiyoophiyaanotaa ta’anii turan kan of keessatti qabate ta’uu ibsuun, yaadota biyyaaf bu’aa qaban ittiin wal jijjiiruun danda’amuus himaniiru.
Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf mariin jalqabame kun rakkoolee furuu qofa kan daangeffamu osoo hin taane, dhaloota itti aanuuf muuxannoo gaarii ta’ee akka dhaalamu eeraniiru.
Itiyoophiyaanonni Adwaa fiu Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa irratti seenaa boonsaa galmeessisan, marii kana keessattis seenaa kana irra deebiin hojjechuun dhaloota dhufuuf mallattoo gaarii dhiisanii darbuuf hojjechuu qabu jedhan.
Hirmaattun marichaa biroo Dinqinash Ubaraa, gama isaaniin, hirmaattonni yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaa adda addaa irratti yaada biyyaaf faayidaa qabu jedhan dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Yaa’ichi dhimma biyyaalessaarratti furmaata waliinii kaa’uun akka danda’amu kan agarsiise ta’uu himaniiru.
lammiileen ajandaalee adda addaa irratti mari’achuun gufuuwwan misooma biyyaalessaa hundagaleessa ta’an irra darbuuf, akkasumas dhaloota boruuf biyya fooyya’aa dabarsuuf haala mijataa uumuu isaa hirmaattuun mariichaa biro Abbarrasha Abbayneeh ibsaniiru.
Hirmaattonni marichaa wal dhaggeeffachuu bu’uuraatti fudhachuun, ajandalee mariif filataman irratti yaadota tokkummaa cimsan dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Kanaafis, furmaanni biyya ceesisu ni dhufa jedhanii abdii qabanis ibsaniiru.