Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa manneenii lammiilee kuma 20 ol fayyadamoo taasisu eegalchiisaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, naannawaa ‘Qixal Taraa’ jireenyaaf mijataa hin taane gara naannawaa jireenyaaf mijataatti jijjiiruuf ijaarsa gamoowwan abbaa darbii 8 sagal eegalchiisuu ibsaniiru.
Ijaarsi pirojektii kanaa lafa heektaara kuma 10 irratti akka ijaaramu kaasanii, manneen 500 ol akka hammatuufi wayita xumuramu lammiilee kuma 20 ol fayyadamuu kan taasisu ta’uu eeraniiru.
Kana malees dirree Ispoortii ijoolleen irra taphattu, suuqiiwwan daldalaa fi wantoonni barbaachisoo ta’an biroon guutamuufiin quqlqullinaafi ariitiin ijaaramee kan xumuramu ta’uu ibsaniiru.
Magaalichatti dhimmoota nama irratti xiyyeeffatan giddugala godhachuun hojjechaa jirras jedhan.
#Oromia #Ethiopia