Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu bu’aalee gama hedduun galmeessaa jiruun, olkaa’iinsa Itiyoophiyaa qabatamaan mul’isaa jira.
Sagantaan kun yaada Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin bara 2011 jalqabame. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa beekamtii idil-addunyaa argachuun, Itiyoophiyaa dinagdee magariisaa keessatti biyyoota biroof fakkeenya taasisaa jira.
Itiyoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif biqiltuuwwan dhaabbii kennuun, qajeeltoo waliin guddachuu hojiirra oolchaa fi imala Olkaa’iinsaa ishee cimsaa itti fufteetti.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa lafa magariisa uffisuu qofa osoo hin taane, ummanni hafuura ida’amuutiin waliin hojjetee olkaa’iinsa Itiyoophiyaa akka saffisiisuuf gahee olaanaa bahachaa jira.
Bu’aan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa “warqee magariisaa” ta’uun, damee kana keessatti bu’aalee qabatamaa galmeessaa jira.
Sagantaan kun imala Olkaa’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dameewwan garaagaraa irratti bu’aalee jajjabeessaa galmeessaa itti fufee jira.
Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabbatan keessaa buna, avokaadoo, paappaayyaa, muuzii fi maangoo kanneen eeramanidha.
Fakkeenyaaf, bunni Itiyoophiyaa gara alaatti ergamuun galii sharafa alaa olaanaa kanneen argamsiisan keessaa tokko yoo ta’u, Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin xiyyeeffannoo addaa kennameef keessaa isa tokko ta’ee, damee kana irratti guddinni olaanaan galmaa’eera.
Akkasumas, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegumsa qilleensaa irratti gahee bu’uuraa qabuun alattis, yeroo ammaa oomisha dammaa Itiyoophiyaa keessatti bu’aalee qabatamaa galmeessaa jira.
Sagantaan kun haguuggii bosonaa dabaluun, carraa hojii uumuu, abbaa biyyummaa nyaataa mirkaneessuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphateera.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa uumamaa fi naannoo eeguun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu bira darbee, maddoota nyaataas ta’aa jira.
Sagantaan kun tokkummaa Itiyoophiyaanotaa irratti hundaa’uun egeree magariisaa fi itti fufiinsa qabu ijaaruun, imala Olkaa’iinsa Itiyoophiyaa saffisiireera.
Sagantichaan Itiyoophiyaanonni dhaloota dhufuuf kan darbu Ashaaraa itti fufiinsa qabu kaa’aa jiru.
Akkasumas, oomisha biyya keessaa dandeettii ofii irratti hundaa’uun guddisuun, bu’uura bilisummaa dinagdee fi birmaddummaa ta’ee, olkaa’iinsa biyyattii keessatti gahee olaanaa gumaachaa jira.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti qaama imala badhaadhinaa fi guddina hunda galeessaa ta’uun, olkaa’iinsa Itiyoophiyaa daran cimsaa jira.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa dameewwan garaagaraa keessatti olkaa’iinsa biyyattii dhaloota irraa dhalootatti darbu galmeessisaa jira.
Wandimmaagany Tsaggaayeen
#Oromia #Ethiopia