Biqiltuu dhabuun abdi dhaloota egeree ijaaruu dha – hirmaattota Ashaaraa Magariisaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC) – Biqiltuu dhaabuun madaala uumamaa eeguu bira darbee abdii dhaloota boruu dhaabuu dha jedhan hirmaattonnii sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaatan.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoon hawaasni Yuuniivarsiitii Arsii fi barattoonni mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Mooraa Yuuniivarsiitichaa keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Maatii ishee waliin saganticha irratti kan hirmaatte barattu Yaadanii kadiir warren ashaaraa isaanii kaa’an keessaa ti.

Yaadaniin umuriidhaan xiqqoo taatus akkuma maatii ishee ashaaraa ishee keessee galmee seenaa irratti galmaa’uuf achitti argamteetti.

Biqiltuu dhaabuun naannoo magarsuun bakka bashannaanaa uumuu bira darbee biyya badhaate uumuuf kan gargaaruu dha jette.

Maatiin ishee aadaa Biqiltuu dhaabuu akka ishee barsiisanis himteetti.

Barataa kutaa 8ffaa Mana Barumsaa bultii Addaa WMO kan ta’e Kanaariyaa Kadiiris barattoota sagantaa kanarratti hirmaachuun ashaaraa isaanii kaa’an keessaati.

Akka mana barumsaa isaaniitti Yuuniivarsiitii Arsii keessaatti ashaaraa isaanii kaa’uun sagantaa seena qabeessa kana milkeessuuf achitti argamuu himee, bu’aan battalaa biqiltuu dhaabuu gammachuu sammuu akka ta’e dubbateera.

Biyya badhaatuu dhalootaaf miijattu uumuun ammoo bu’aa isaa yeroo dheeraa ta’uus himeera.

Daa’ima isaanii waggaa 11 waliin waggaa waggaan sagantaa kana irratti akka hirmaatan kan dubbatan ammoo Pirezidaantii Yuuniivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuu ti.

Oromoon sirna Gadaan aadaa biqilootaa fi uumama biroof kabajuu fi kunuunsuu akka qabu dubbatanii, sagantaa Ashaaraa magariisaanis aadaa kana dhaloonni akka hubatuuf daa’ima isaanii waliin akka dhaaban himaniiru.

Yuuniivarsiitichis waggaa guutuu aadaa biqiltuu dhaabuu akka qabu eeranii, keessumaa biqiloota biyya keessatti qofa argamanii fi kanneen nyaataaf oolan irratti xiyyeeffachuun akka dhaabamu ibsaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaanis hanga ammaatti Yuuniivarsiitichi biqltuuwwan kuma 53 dhaabuu kaasaniiru.

Biqiltuu dhaabuu jechuun abdii dhabuu akka ta’ee fi kunis dhaloonni bor biyya miidhagduu akka dhaaluuf kan gargaaru ta’uu hubachiisan.

Comments (0)
Add Comment