Finfinnee, Adoolessa 24, 2018 (FMC) – “Obboloota keenya Afrikaa waliin, keessumaa olloota keenya waliin rakkinas ta’e gammachuu keessatti waliin ni dhaabbanna.”
Kun waggoota saddeet dura guyyaa jalqabaa aangoon mootummaa itti kenname, yeroo kakuu galan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kan dubbatan keessaa tokko ture.
Guyyaa mootummaan Ida’amuu waamicha tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo dhiyeessee kaasee, Itiyoophiyaan dhugumaan tumsa dhugaa cimsuuf hojjechaa turteetti.
Biyyattiin boqonnaa walitti bu’iinsaa cufuun nagaaf harka diriirsuudhaan, olloota ishee kanneen nagaan irraa fagaatanitti gahee seenaa qabeessa bahuuf hojii guddaa hojjechaa jirti.
Ummattoota biyyoota ollaa birattis dinqisiifannaa argatteetti.
Akka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haasaa isaanii keessatti ibsanitti, Gaanfi Afrikaa naannawa ummattoonni afaan, aadaa fi seenaa waloo dheeraa qaban itti jiraatanidha.
Humnoonni fedhii fi kaayyoo adda addaa qaban kan itti dorgoman, walxaxinsi siyaasaa cimaan kan itti mul’atu ta’uunis bifa naannawichaa isa kan biraati.
Mootummaan Ida’amuu walitti hidhamiinsa ummattoota naannichaa fi fayyadamummaa waloo bu’uura dipilomaasii isaa taasifachuun, naannawicha walitti bu’iinsa irraa baasuudhaan badhaadhina waloo irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera.
Mootummaa kana jalatti Itiyoophiyaan humnaa fi qabeenya ilmaan isheetiin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ga’umsaan ijaaruun, humna ibsaa biyyoota naannichaatiif dhiyeessuudhaan misooma waloo irratti fedhii fi kutannoo cimaa qabdu hojii irra oolchitee agarsiifteetti.
Haa ta’u malee, humnoonni ilaalcha dulloomaa “kan keenya qofa” jedhu qabatanii yeroo waliin tarkaanfachuu dadhaban, waamicha Itiyoophiyaan misooma waloo irratti dhiyeessiteef deebii gaarii kennuu mannaa, karaa dulloomaan Itiyoophiyaa irratti waliigalanii duuluu filataniiru.
Deebiin Itiyoophiyaa garuu ifaa fi kallattiidha. Innis, tumsaan misoomuu malee filannoon biraa naannawicha walitti bu’iinsa irraa baasuu akka hin dandeenyedha.
Biyyoonni tokko tokko, kanneen mootummaa isaanii keessatti walqixxummaa fi waliif yaaduu fudhachuu didanii, waan hunda ofii isaaniitiif qofa akka ta’u yaadan, yeroo ammaa haala jiru hubachuu dadhabuun, “lagnis ta’e galaanni keenya qofa” jechuu filataniiru.
Bulchitoonni ilaalcha duubatti hafaa kana qaban, mootummaa hojii isaatiin “gammachuus ta’e rakkina keessatti olloota koo cinaa nan dhaabbadha” jedhu irratti miidhaa geessisuu filachuun isaanii, yeroo dhumaatti ummata isaanii biratti gaaffii fi qeeqa jala akka isaan galchu shakkii hin qabu.
Namoonni guddina Itiyoophiyaa hin oolle kana boodatti harkisuuf walitti bu’iinsa uumuuf yoo carraaqanis, Itiyoophiyaan birmaddummaa, walabummaa fi nageenya ishee eegaa, bu’aa fi mirga seenaa qabeessa ishee kabachiisaa, misooma waloo fi tumsa waloo warra barbaadan waliin imala ishee itti fufti.
Haayilamaariyaam Taganyiin