Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Har’a Awutoobisoonni 26 jalqabaaf Boba’arraa gara Gaazii umamaatti jijjiiramuun hojii eegaluu isaanitti gammachuu guddaan natti dhagahameera jedhan Ministitti Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Awutoobisoonni magaalaa 26 jalqabaaf boba’aarraa gara Gaazii uumamaatti jijjiiramuun hojii eegaluu isaaniitti gammachuu natti dhagahame ibsuun barbaada jedhaniiru.
Baatiiwwan muraasa darban keessa hojiileen oomishaalee gaazii uumamaa iddoo oomishamanii gara Finfinnee geejjibsiisuu, buufataalee gaazii qopheessuu fi Awutoobisoota magaalaa gara gaazii uumamaatti jijjiiruu hojjetamaa turuu eeraniiru.
Tarkaanfiin seena qabeessi kun baasii sharafa alaa olaanaa boba’aaf oolu sadarkaa olaanaan kan hambisudha jedhaniiru.
Dabalataanis baasii hojii adeemsisuu geejjiba uummataa hir’isuun taariifa imala lammiilee walakkaan akka hir’isu ibsaniiru.
Hojiin Konkolaattota boba’aan hojjetan dandeettii ofiin gara gaazii uumamaatti jijjiiruu dandeettii biyya keessaafi ce’umsa teeknooloojii qabatamaan akka mirkaneesse eeraniiru.
Yeroo itti aanutti konkolaattota haaraa hirkattummaa boba’aa guutummaatti hambisuufi gaazii uumamaa biyya keessatti oomishamaa jiru bal’inaan faayidaarra oolchuuf dandeessisan 400 gara biyyaa akka seenan kaasaniiru.
Dameewwan nyaataa, manaafi geejjibaa irratti hojiilee qabatamaa hojjechuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf tattaaffiiwwan eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa