Bu’aawwan Naannoolee Filannoo kuma 1 fi 131 Gara Gidduugala Mirkaneessaa ga’an

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Bu’aawwan Naannoolee filannoo kuma 1 fi 139 keessaa kumni 1 fi 131 gara gidduugala mirkaneessaa ga’aniiru jedhan Walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa Meelatwork Haayiluu .

Meelaatwarqi Haayiluu ibsa galgala kana kennaniin akka jedhanitti, amma yoonaatti naannoolee filannoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa 634 keessaa 497 gara gidduugalicha ga’aniiru.

Akkasumas, Naannoolee Filannoo Manneen Maree Naannoolee 638 keessaa 634 gara gidduugala mirkaneessaa boordichaa ga’uu isaanii beeksisaniiru.

Sosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment