Finfinnee, Waxabajjii 6, 2018 (FMC)- Dhaabbiileen Fayyaa Waggoota muraasa darban keessa Finfinnee keessatti ijaaramanii fi haaromfaman, tajaajila fayyaa ammayyeessuun dandeettii damee fayyaa guddisuu bira darbee, magaalattii giddugala tuuriizimii fayyaa filatamtuu taasisaa jiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qulqullina naannoo eeguu, daandiiwwan miillaa fi Baskileetii misoomsuu, akkasumas Lageen qulqulleessuun haala jireenyaa fayyaalessaa ta’e uumuuf hojjechaa jira.
Hospitaalli Laftoo, kan Afrikaa Bahaatti adda duree ta’e, meeshaalee yaalaa ammayyaatiin guutamee tajaajila kennuu eegaleera.
Kana malees dhaabbileen Fayyaa duraan turan kanneen akka Hospitaala Zawdiituu sadarkaa isaa eeggatee haaromfamuun tajaajila ammayyaa kennuuf qophiidha.
Dhaabbileen fayyaa kunneen, lammileen biyyattii tajaajila barbaacha biyya alaa deeman hir’isuu qofa otoo hin taane, tajaajila yaalaa fooyya’aa kennuun, magaalattiin giddugala tuuriizimii fayyaa naannawaa Gaanfa Afrikaatti akka of dandeesisu taasiseera.
Misooma fayyaa kanaan Finfinneen tajaajila yaalaa dhaqqabamaa fi qulqulluu ta’e lammiilee fi jiraattota naannawichaaf kennuun diinagdee biyyattii guddina sadarkaa ol’aanaatti ceesisaa jirti.