Daandiin qilleensichaa boru irraa eegalee Goondar irraa gara Humaraatti balallii dhaabbii ni eegala

Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa boru Adoolessa 25, 2018 irraa eegalee Goondar irraa gara Humaraatti tajaajilli balallii dhaabbiin ni eegala jedhe.

Haaluma Kanaan Sanbata yeroo mara Goondar irraa gara Humaraatti Wiixata yeroo mara ammoo Humaraa irraa gara Goondaritti tajaajila balallii akka kennu AMC’n gabaaseera.

Daandiin qilleensichaa iddoowwan gahumsa balallii biyya keessaa babal’isuun uummata tajaajiluuf akka hojjetu ibsuun, balalliin kun eegaluun hariiroo hawaasummaa akka cimsu eereera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment