Dandeettii teeknooloojii cimaa faayidaa biyyaalessaa eegsisu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabna- Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Dandeettii teeknooloojii cimaa faayidaa biyyaalessaa eegsisu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabna jedhan Itaamaajor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Hundeeffamni giddugalaa fi eebbi Imaammata Qorannoo fi Misoomaa Raayyaa Ittisa Biyyaa gaggeeffame.

Fiildi Maarshaal Birhaanuun wayita kanaatti haasawaa taasisaniin, dandeettii loltummaa fi diinagdee biyya tokkoo ijaaruun dandeettii raawwachisuummaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qorannoo fi qo’annoon gahee olaanaa qaba jedhan.

Hojiilee qorannoo biyyaa bira darbanii guddina Afrikaaf gahee bahatan hojjechuu fi guddisuun argannoowwan haaraa ifoomsuu qabna jechuun ibsaniiru.

Dandeettii teeknooloojii faayidaa biyyaalessaa eegsisaniifi rakkoolee furuu danda’an uumuun misooma waaraa fi qorannoowwan irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachiisaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Giddugalli hundeeffame akka dhugoomuuf qaamoole gahee isaanii bahataniif beekamtii kennuu isaanii Miidiyaan hawaasaa Raayyaa Ittisa biyyaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment