Finfinnee, Fulbaana 04, 2019(FMC) – Itiyoophiyaan biyya daandii guddinaa haaraa keessa jirtu ta’uu isheetiin deggersi fi tumsi faayidaa biyyaalessaa ishee kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’e baay’ee ishee barbaachisa.
Wal ha’iinsa aangoo siyaasaa fi dorgommii dinagdee biyyoota Lixaa fi biyoota Bahaa gidduutti mul’atu keessatti tokko deggerte kaan irraa jechuun waan hinbaasneef, buyyattiin dippiloomaasii tarkaanfataa bu’aa waloo irratti hundaa’e hordofuu filattee ittiin hojjechaa jirti.
kanaaf ammo biyyoota Lixaa dinagdeen guddatan waliin hariiroo dippilomaasii haraa hordofaa jirtuun hoggantoonni biyyoot kaneenii irra deddeebiin gara Itiyoophiyaatti deddeebi’uun dhimmaoota adda addaa irratti Itiyoophiyaa waliin mari’achuun kanaaf agarsiistuu tokkoo dha.
Gama biraattiin biyyoonni Bahaa fi hundeessitoonni BRICS Itiyoophiyaa waliin hariiroo dippilomaasii cimaa uumaa jiraachuu irraa kan ka’e akka miseensa garee kanaatti Itiyoophiyaa ofitti makuun isaaniis agarsiistuu isa kan biraati.
Itiyoophiyaan gama lamaaninuu teessuma Lafaafi siyaas-qubsuma gaanfa Afrikaa kessatti qabdurraa kan ka’e baay’ee barbaadamati.
Galaana Diimaa fi ulaa daldalaa faayidaa guddaa qabu Baabi’eel Mandabitti dhiyaattee argamuun ishees biyyoonni kunniin tasgabbii naannichaa to’achuufis ta’e Gaanfa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuuf Itiyoophiyaan akka furtuutti akka filatan hayyoonni damichaa ni ibsu.
Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu isheenis dippilomaasii Afrikaa guutuu sochoosuuf biyyoota alaan akka riqichaatti barbaadamti.
Gama biraan dinagdee ishee guddachaa jiruu fi humna namaa bal’aa qabaachuunis biyyoota kanneeniifis akka carraa gabaa bal’aatti fayyaddi.
Biyyoonni kunneen Itiyoophiyaa akka filataniif sababa kan ta’e inni biraan ammoo qabeenya albuudota fi inerjii isheeti.
Humna ifa aduu, bishaanii fi albuudota garaagaraa irratti invest gochuuf fedhii qaban milkeessuufis Itiyoophiyaa akka humna kuufamaa tokkootti filatu.
Biyyoonni Afrikaa biroon filmaatawwan kanneen qaban jiraatanis, Kabaji fi seenaan Walabummaa ishee ammoo Itiyoophiyaan kaan caalaa akka gareewwan kanneeniin akka giddugala dippilomaasii cimaatti akka filatamtuuf gargaareera.
Biyyoonni alaa kunniin dantaa isaanii kabajsiifachuuf, daldala isanii bal’ifachuuf fi Giddu gala humna ittisaa (military bases) naannoo sanaa to’achuuf jecha Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimsachuu barbaadu.
Gama hundaanuu fedhii biyyoota kanneenii fi faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf Itiyoophiyaan dippilomaasii madaalawaa ta’e hordofuun dhimma murteessaa dha.
Gama faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuutiin gareewwan lamaanuu Itiyoophiyaaf bu’aa murteessaa mataa isaanii ni qabaatu.
Itiyoophiyaan akkuma daldalaa fi carraa guddinaa haaraaf jecha BRICSitti makamte, gama deeggarsa maallaqaa fi liqaatiin ammoo Biyyoota Lixaatti fayyadamuun murteessaa dha.
Ulaagaalee naamusaa fimsiyaasaa mataa isaa qabaatus, gama gargaarsaa fi liqaan biyyoonni Lixaa warreen miseensota BRICS calaa Fayyaduu danda’u.
Maallaqa guddaa fi gargaarsa namoomaaf hariiroo cimaa byyoota lixaa waliin akka qabsu senaan ni mul’isa.
Liqaawwan misoomaafi gargaarsawwan namoomaa irraa argamu biyyattiif faayidaa guddaa qabaata.
Gama misoomawwan bu’uuraalee maallaqaan deggeruun ammoo BRICS carraa haaraa fidee dhufeera.
New Development Bank (NDB) kaayyoo ulaagaa siyaasaa malee pirojektoota bu’uura misoomaaf liqaa dhiyeessaa jira.
Gama carraa gabaa meeshaalee adda addaafis BRICS carraa haaraa Itiyoophiyaaf fidee dhufeera. Indiyaa fi Chaayinaan kanneen keessaa warreen madda cimaa ta’anii dha.
Walumaagalatti, Itiyoophiyaan garee tokko filatanii isa kaan gatuun dhiibbaa inni qabu hubachuun dippiloomaasii tarsiimawaa diriirssuun faayidaa caalmaa argachuuf Madaallii (Balance) lamaanii eeggattee socho’aa jirti.
Kun ammoo dingdee biyyattii saffisaan guddachaa jiraachuun isaa dhaabbilee idil-addunyaa adda addaan mirkanaa’e daran itichuuf dhimma murteessaa dha.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia