Finfinnee, Adoolessa 21, 2017(FMC) – Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yuusuuf preezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin mari’atan.
Maree isaaniin Dura taa’aan kun Gamtichi daandii imala nagaa Somaaliyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Preezdaanti Hasan Sheek Mohaammad gama isaaniitiin simannaa ho’aa isaaniif godhamee fi deeggarsa Gamtichaa itti fufiinsa qabuuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.
Yaa’ii sirna nyaataa Itiyoophiyaan Xaaliyaanii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun qopheessite 2ffaarratti kan hirmaatan Pireezidaantiin Somaaliyaa, wabii nyaataa mirkaneessuuf addunyaan waliin dhaabbachuun yeroon isaa amma jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.