Finfinnee, Adoolessa 15, 2018 (FMC) – Avokaadoon kudura faayidaa olaanaa qabu kan fayyaa dhala namaaf barbaachisaa ta’eedha.
Viitaminoota, albuudota garaagaraa fi wantoota qaamaaf murteessoo ta’an heddu of keessaa qaba.
Avokaadoon kaalorii, cooma onneef fayyadu, faayibara, Pootaasiyeemii fi vitaaminii K, E fi fooleetii guddaa kenna.
Avokaadoon dandeettii qaamni dhibee dandamachuu dabaluu, bullaa’insa nyaataa fooyyessuufi dhukkuba garaachaa ittisuuf, foolii badaa afaanii hir’isuufii qaamota akka tiruu, onnee, kalee fi ijaa eeguuf gumaacha olaanaa qaba.
Keessattuu Avokaadoon fuduraa dhadhaa qofa osoo hin taane nyaata soorata baay’ee qabu nyaachuu dandeessan keessaa isa tokkodha.
Faayidaalee Avokaadoo keessaa murasa:
1. Fayyaa Onneef:- Coomni avokaadoo keessatti argamu sadarkaa kolestiroolii badaa hir’isuu fi carraa dhukkuba onnee gadi buusuuf gargaara.
2. Bulaa’insa nyaataa fooyya’aa: Avokaadoon tokko gara giraama 14 faayibara nyaataa kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis maaykiroobaayoomii garaachaa fayya qabeessa ta’e kan guddisu, qufaa kan ittisu fi hojii bullaa’insa nyaataa waliigalaa kan deeggarudha.
3.Fayyaa Ijaa E eguu:- Avokaadoon ‘antioxidants’, fayyaa ijaaf faayidaa guddaa ta’e qaba.
4. Gogaa fi Rifeensa:- Coomni fi vitaaminoonni fayya qabeessa ta’an fayyaa gogaa fi rifeensa gaarii akka qabaatan gumaacha.
5. Fayyaa Lafeef:-Vitaaminni K avokaadoo keessa jiru fayyaa lafeef barbaachisaa dha.
Qorannoon yeroo garaagaraa gaggeeffame akka mul’isutti avokaadoon tokko Fooleetii % 20, potaasiyeemii 14%, vaayitaamin K 26%, vaayitaamin C 17% vaayitaamin B5 14%vaayitaamin B6 13% vaayitaamin E 10% of keessaa qaba.
Dhiphina fi yaaddoo hamaa hir’isuun tasgabbiin sammuu akka uumamu ni gargaara.
Dubartoota ulfaa biratti rakkoo akka ol-guuruu, haqqee hamaa fi ulfi bahuu ittisuun daa’ima fayyaa qabu argamsiisuuf kan tumsu ta’uu ragaan Barruulee adda addaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia