Fayyadamummaa diinagdee dubartoota miiliyoona 26.8 mirkaneessuun danda’ame – Dooktar Ergoogee Tasfaayee

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Waggoottaan jijjiiramaa darban keessa damee fayyadamummaa diinagdee dubartoota miiliyoona 26.8 mirkaneessuun danda’ame jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen.

Dooktar Ergoogee Tasfaayeen waltajjichi mata duree “ Milkaa’ina misooma hawaasummaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun qophaa’eerratti milkaa’inoota damee dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaan argaman dhiyeessaniiru.

Hanqinaalee jijjiiramaan dura turan adda baasuun tarkaanfii saffisaa fudhatameen dubartoota hedduu rakkoolee garaagaraaf saaxilamanii turan fayyadamoo diinagdee taasisuun danda’amuu himan.

‎Uwwisa seeraa fi imaammataa qopheessuun mirga, hirmaannaa fi fayyadamumma lammiilee mirkaneessuun danda’amuu kaasan.

Kanaanis waggoottaan jijjiiramaa darban keessaa fayyadamummaa diingadee dubartootaa fi dargaggoota miiliyoona 26 fi kuma 800 fi kuma 45 olii mirkaneessuun danda’ameera jechuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment