Finfinnee,Waxabajjii 14, 2018 (FMC) – Filannichi dhiibbaa alaa fi keessaa dandamachuun milkaa’inaan Xumurameera jedhan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Meelaatawarqi Hayiluu
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Sagantaa ifoomsa bu’aa filannoo Waliigalaa 7ffaa gaggeessaa jira
Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Hayiluu haasawaa baniinsaa taasisaniin, Boordichi filannoon waliigalaa 7ffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf hojiin filannoo duraa hojjete akka biyyattii hojii ijaarsa dhaabbileef bu’uura kan kaa’uudha jedhan.
Boordichi bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa irraa eegalee hojiilee hunda Itiyoophiyaanootaan guutuumaan guutuutti kan hojjete ta’uu eeraniiru.
Dhiibbaan alaa fi keessaa jiraatuus filannichi qormaatiilee hunda dandamachuun milkaa’inaan xumurameera jedhan.
Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dhimmoota Siyaasaa fi Nageenyaa Ambaasaaddar Baankolee Adooyee, Dhaabbileen Idil Addunyaa, Ambaasaaddaronni biyyoota garaagaraa, Dhabbiileen Diimookiraasii, Hawaasni Siviikii, Paartileen Siyaasaa, Miseensonni Boordii Filannoo fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Bu’aan Filannoo daqiiqa muraasa booda kan ifoomu ta’uun ibsameera.
Andu’aalem Tasfaayeetu gabaase.