Finfinnee, Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti har’aa kaasee lakkoofsi gabatee konkolaattotaa haaraan kennamuu eegaleera.
Hoji-geggeessaa Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Eeyyamaa fi To’annoo Konkolaachistootaa fi Konkolaattotaa Finfinnee Obbo Zagayyee Balaaynah ibsa kennaniin, guyyaa har’aa Waxabajjii 4, 2018 irraa eegalee lakkoofsi gabatee haaraan konkolaattota magaalattiif kennamuu akka jalqabu ibsaniiru.
Haaluma kanaan, Konkolaachistonni galma’anii eeggachaa turan dammeewwan itti galma’an irraa bilbilli bilbilameefii akka fudhatan eeraniiru.
Lakkoofsi gabatee haaraan kun kan kennamu konkolaattota haaraa qofaaf ta’uus dubbataniiru.
Gama biraatiin, warra lakkoofsa gabatee moofaa fayyadamaa jiran ilaalchisee gara fuulduraatti Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksiin kan ibsamu ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopa