Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Ummanni dhimmota xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qabnu adda baasee nuuf kenneera jedhan Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaloo Tafarraan.
Karoora of danda’uu milkeessuun itti fufiinsa sirnaa mirkaneessuu ta’uu ibsan.
Ummanni dhimmota xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qabnu adda baasee nuuf kenneera jedhan.
Carraa ummanni nuuf kenne kanatti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu kaasan.
Karoora of danda’uu waggoota shanan itti aananii milkeessuun kabaja ummata keenyati jedhan Obbo Kaffaloon.
Fedhii Paartii, Mootummaa fi Ummataa dhugoomsuuf wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Karoora of danda’uu dhugoomsuuf ammoo carraawwan harka keenya jirutti akkaan fayyadamuun murteessaadha jedhan.
Bu’uurri karoora of danda’uu uummata waan ta’eef galma gahiinsa karoorichaaf hirmaannaa hawaasaa cimaa ta’e mirkaneessuun dhimma ijoo ta’uu eeran.
Karoorri of danda’uu tumsaa fi qindoomina qaama hundaatiin galma gaha jedhan.
Ce’umsa diinagdee bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuu fi imala guddina biyyaa dhugoomsuuf lammii ogummaan gahoomee fi sirna cimaa ogummaa irratti hundaa’e ijaaruun barbaachisaa ta’uu yaadachiisan.
Waggoottan shanan dhufan akka waggaa digdamii shaniitti hojjechuun imaanaa uummatni nutti kenne amanamummaan raawwachuuf nii hojjenna jedhan.
Karoora kana raawwachuun waadaa uummataa kabajuun alatti dhimma sirna waaressuu ta’uu himan.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa