Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Gaaffilee mootummaan jijjiiramaan dura ture deebisuu qabu Paartiin Badhaadhinaa deebiseera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Bara mootummaa ADWUI hirmaannaan qixa ta’e hin turre kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, paarticha keessatti Itiyoophiyaanota gidduutti namoonni gariin akka abbaa biyyaatti, gariin immoo akka ollaatti ilaalamaa turuu eeran.
Akka fakkeenyaatti Oromoo fi Amaaraan sababa lakkoofsa isaaniin teessoo hedduu qabaatanis paarticha keessatti garuu hirmaannaa lakkoofsa isaanii tilmaama keessa galche hin qaban turan, sababa kanaan gaaffilee hedduun ka’aa akka ture ibsan.
Mootummaan Federaalaa aangoo seeraan isaaf kenname daangaa darbee dhimma mootummaa naannolee gidduu seenuu irraa of qusachuu fi naannoleen misooma isaanii, nageenya isaanii, aangoo isaanii fi siyaasaa isaanii bilisaan akka gaggeeffatan eeyyamuurrattis hanqinoonni akka turan ibsaniiru.
Dhaabbilee mootummaa Federaalaa ilaalchisee gaaffiin bakka bu’insa hoggansaa hirmaachisaa fi hunda hammataa ka’aa turuu himan.
Amma garuu Mootummaan Paartii Badhaadhinaan durfamu gaaffiilee fi komiiwwan ummataa kanneen hiikuuf hojiilee hedduun hojjechuu eeran.
#Oromia #Ethiopia