Finfinnee, Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Gadaan sirna dursee uummanni abbaa aangoo ta’uu mirkaneessee dha jedhan Af – yaa’iin Caffee Oromia Adde Sa’aadaa Abdurramaan.
Sirna wal harkaa fuudhiinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marsaa 71ffaa sababeeffachuun mariin paanaalii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Aadde Sa’aadaan waltajjicha irratti ergaa dabarsaniin, Sirni Gadaa mirga ofiin of bulchuu uummataa mirkaneessuun angoo siyaasaa qajeelchuu kesssatti gahee guddaa qabaachuu hubachiisan.
Gadaan sirna Oromoon biyyaafi addunyaaf gumaache ta’uu kan eeran Adde Sa’aadaan, ofittummaa fi walittibu’iinsa malee sirna aangoon karaa nagaan ittiin darbu ta’uus ibsan.
Gadaan Tuulama Alangee isaa dabarsuuf jala bultiirratti argamus dagaagaa fi guddachaa asi ga’uu dubbatan.
Sirna abbootiin kunuunsanii fi eeganii asiin gahan kana dhaloonni sona itti daabaluun seenaaf itti fufsiisuu akka qabus hubachiisan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.