Galteewwan yaala fayyaa guutuuf mootummaan hojiilee hedduu hojjetaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee,Waxabajjii 30, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018 fi karoora bajaataa 2019 ilaalchisee gaaffii fi yaada misseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Dhimmoota tajaajila fayyaan walqabatanii ka’aniif deebii kennaniin, bara kana bittaa qorichaaf Birriin biiliyoonni 70 ol baasii ta’uu kaasan.

Meeshaalee yaala fayyaa guutuuf Birriin biiliyoonni 60 ol baasii ta’uu eeran.

Weerara dhibee Busaa ittisuuf agoobbarri miiliyoonni 14 ol raabsamuu fi keemikaaloonni farra Bookee Busaa biiffamuu himan.

Dhaabbilee yaala fayyaa ammayyeessuuf hojiileen gaariin hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Tajaajila fayya hammataa, dhaqqabamaa fi si’ataa ta’e dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment