Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Godina Jimmaatti riqichi laga Hiddaa ummata kuma 15 ol fayyadamaa godhu eebbifameera.
Riqichichi godina Jimmaa aanaa gommaatti kan ijaarame yoo ta’uu, baatiwwan 4 keessatti ijaaramee xumurame.
Bulchaan godina Jimmaa Obboo Tijjaanii Naasir riqichi laga hiddaa rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee baroottaniif ka’aa turuu dubbataniiru.
Hata’u malee, mootummaan rakkoo hawaasaa furuuf tarkaanfii fudhataa jiruun riqichichi yeroo gababaa keessatti xumuramee tajaajilaaf ooluu himaniiru.
Godinichatti piroojaktootni kumni 1fi 994 birrii biiliyoona 4.5niin ijaaramaa jiru jedhan.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan damee siyaasaa obbo Namarraa Buliin gama isaaniin, akka naannoo Oromiyaatti pirojaktootni faayidaa hawaas – dinagidee gara garaa qaban hedduun yeroo dhiyootti ni eebbifamu jedhan.
Dabalataanis, mootuummaan naannichaa rakkoo hawaasaa hiikuuf yeroo kamiinuu caalaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu kaasan.
Muktaar Xahaatiin
#Oromia #Ethiopia