Godinichatti Duula Guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miiliyoona 22 ol dhaabuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Godina Iluu Abbaa Booritti Adoolessa 24, 2017 duula guyyaa tokkoon biqiltuuwwan gosa garaagaraa miliiyoona 22.7 ol dhaabuuf qophiin xummure jedhe waajjirri Qonnaa godinichaa.

Godinichatti duula guyyaa boru gaggeeffamuun biqiltuuwwan gosa garaagaraa dhaabuuf qophiin barbaachisuu xumurameera.

Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Chaalaachoo Addunyaa akka jedhanitti, duula guyyaa tokkoon akka godinichatti biqiltuuwwan wabii nyaataa mirkaneessan dabalatee faayida garagaraatiif oolan ni dhaabamu.

Lafa hektaara kuma 6 fi 400 ol irratti hawaasa kuma 800 ol hirmaachisuun aanaalee godinichaa 13 fi gandoota baadiyyaa 257 keessatti biqilaa dhaabuuf qophiin xumuramuu eeran.

Tsahaay Gulummaatiin.

Comments (0)
Add Comment