Finfinnee,Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Guyyoota kurnan itti aanan keessa kutaalee Kibbaa fi Kibbi bahaa rooba xiqqaa hanga Giddugaleessaa ni argatu jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.
Haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii Kibba Lixaa, Lixaa fi Kaaba Lixaatti dabalaa deema jedhe.
Giddu galeessi, Bahaa fi Kibbi kutaalee biyyattii rooba hammaan xiqqaa ta’e kan argatan ta’uu raageera.
Gama biroon Naannoon Afaar, Kibbi Bahaa, Kaabni, Lixni fi Kibbi Lixaa ammoo hoo’a hammi isaa Digirii Seelshiiyesii 32 – 41 ol ta’e kan qabaataan ta’uu ibsuu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia