Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Qa’een gaarummaa Markaatoo bakka addaa Qixal Taraa jedhamutti ijaaramaa jiru, mootummaan ida’amuu haqa hawaasummaa mirkaneessuuf murannoon hojjetaa jiraachuu agarsiiftuudha.
Qa’echi jireenya lammiilee dhugaan kan jijjiiru, abdii maatii kan haaressuu fi haqa hawaasummaa qabatamaan kan mirkaneessudha.
Rakkoo mana jireenyaa furuu jechuun nama dhuunfaa fi maatii ijaaruu, ijoolleef carraa fooyya’aa uumuu, nageenya jireenyaa cimsuu, jireenya diinagdee fi hawaasummaa naannawaa si’oomsuudha jedhe Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee.
Misoomni kun nama tokko qofa abbaa mana jireenyaa taasisuu caalaa, duudhaa fi faayidaa hawaasummaa bal’aa qaba.
Lammiileen haala jireenyaa fooyya’aa keessa akka jiraatan, maatiin dhiibbaa dinagdee irraa bilisa ta’uun karoora gara fuulduraa akka galmaan ga’an, hawaasnis walii yaaduu fi tokkummaa akka cimsatan kan gargaaru, jijjiirama qabatamaadha.
Kunis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, raawwii karoora misooma magaalaa Mootummaa Ida’amuu waliin walsimsiisuun, fedhii fi hawwii lammiilee guutuuf kutannoo qabaachuu mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa