Misooma Jallisii Bonee Birmadummaa Nyaataaf

Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan tarsiimoo mandhalee hojiirra oolchiteen hiyyummaafi duubatti hafummaa barootaaf ture seenaa taasisuuf imala milkaa’aa imalaa jirti.

Bu’aawwan abdachiisoon badhaadhina dhugoomsaan galmaa’aa jiru.

Misoomni qamadii waggoota dhiyoo keessatti jijjiirama guddaan galmeessera.

Keessumaa Qonni qamadii jallisii bonee birmadummaa nyaataa mirkaneessuurra darbee gabaa alaaf dhiyaachuun hariiroo daldalaa biyyoota naannawa cimsaa jira.

Bara oomishaa 2017/18 keessattis, Oomisha Qamadii Jallisii Bonaarraa qofa Callaa Kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 49 argameera.

Qamadii alaa galu hambisuun sharafa alaa xiqqeessuu danda’eera.

Galii qonnaan bulaa guddisuu fi carraa hojii babalisaa dhufeera.

Qamadiin daakuu, paastaa, daabboo fi oomishaalee biroof waan ooluuf, indaastirii agro-processing jajjabeessaa jira.

Misoomni qamadii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kaayyoo sadii guddaa qaba: birmadummaa nyaataa mirkaneessuu,galii qonnaan bulaa guddisuu fi sharafa alaa argamsiisuudha.

Naannolee fi Godinaaleen kana dura qamadii oomishanii hin beekne yeroo ammaa qamadii oomishuun bu’aa raajii galmeessaa jiru.

Inisheetiiviin Misooma Qamadii bonaa gannaa biyyoota hedduuf fakeenya ta’e kun badhaadhina biyyattii dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa bahataa jira.

Mootummaan Yaadamaa fi Mul’ata qabuun Inisheetivii qamadii jallisii bonee erga eegalee Aadaa hojii jijjiiruun misooma hunda galeessa mirkaneessuun birmadummaan yaataa mirkaneessaa jira.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment