Finfinnee, Adoolessa 24, 2018(FMC) – Ijaarsa biyyaa keessatti uummatoonni Oromoo fi Amaaraa seenaa waloo dheeraa qabu jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy dhimmoota dinagdee, hawaasumaa fi siyaasaa adda addaa irratti Amaaraa Miidiyaa Korpooreeshin waliin gaaffii fi deebii geggeessaniiru.
Gaaffii fi deebii kutaa 1ffaa kana keessatti akka ibsanitti, Waalitti hidhamiinsi uummatoo lamaanii karaa fuudhaa fi heeruma, siyaasaa fi aadaa guddifachaa kan bu’uureffatee seenaa baroota dheeraa lakkoofsisee dha.
Hariiroo kana waggota 350 ol kan lakkoofsise baraSulxaanota Shawaa durii irraa eegaluun ibsan.
Naanoolee bulchiinsi mootummaa jabaatee turetti uummatooti lamaan walitti hidhamiinsa hedduu uumuun waliin jiraachaa akka turan eeraniiru.
Waggoota 130 kan turee fi Shawaa irraa hanga Za’iilaatti kan ballatu bara Bara bulchiinsa sulxaanetoota Ifaatis hariiroon kun cime itti fufuu fi walitti firoomni kun hanga kaabaatti akka babal’aye dubbatan.
Sababa waraana bulchiinsota adda addaa bara Mootummaa Gondar dura tureenis hariiroon kun giddugaleessa irraa gara kaabaatti babal’atee akka ture kaasan.
Bara mootummaa Gondar ammoo walitti dhufeenyi fuudhaa fi heerumaa fi guddifachaan eegalame jabaatee lafa qabachuu seenaa wabeeffachuun ibsan.
Baroota mootota akka Suusiniyoos, Atsee Baakaafaa fi Iyyowaas walitti dhufeenyi uummatootaa caalmaatti babal’achuu dubbatan.
Bara mootummaa Gondar boodas Daayinaastiin Yejjuu hariioo fi tokkoomuu uummatoota kana cimseera.
Naannoo walootti mo’ee kan ture Daayinaastiin Warra Yimanuu sochii babal’ifannaa gara naannoolee birootti geggeesseen hariiroo uumattoota kanneenii jabeesseera.
Kanaafis maqaan Mootittii Warqituu fi Raas Mikaa’el seenaa keessatti bal’inaan akka ka’u eeraniiru.
Uummatoonni Oromoo fi Amaaraa waloon duulaa, waraanaa, waloon milsoomsaa fi balleessaa, tokkoomanii barootaaf kan turan ta’uu seenaa irraa akka hubatamu cimsanii hubachiisaniiru.
Seenaa hundeeffama mootummaa ammayyaa keessattis ga’een uummatoota lamaanii adda bba’ee ilaalamuu akka hindandeenye kan dubbatan Dooktar Abiy, ga’ee waloo Mootii Minilikii fi Raas Goobanaan ijaarsa Itiyoophyaa haaraa keessatti qaban eeraniiru.
Adeemsa babal’ifannaa wayita sana kaabaa kibbatti ture keessatti bulchiinsaa fi hoggnsa waraanaan hariiroo cimaan akka ture kaasaniiru.
Seenaa injifannoo Adwaa keessattis hoggansa bulchiinsaa mootichi Minilikii fi hoggantoota waraanaa yeroo sanaa kanneen akka Baalchaa fi Gabayyoo fa’an alatti injifannoon kophaatti galmaa’uu akka hin dandeenye akka argisiistuu hariiroo uummatoota lamaaniitti dhiyeessan.
Injifannicha galmeessuufi biyya qaalii jaal’atamtuu kanaaf waloon aarsaa kaffalanii jiraachisuu danda’uu ibsaniiru.
Hariiroonn kun sadarkaa uummataattis sirnoota Fiwudaalotaa irratti waloon qabsaa’aa turuu kaasanii, kanaafis fincila qonnaan bultoota Baalee fi Goojjaam akka fakkeenyaatti eeran.
Hariiroon uummatoota lamaanii baroota keessatti fuudhaan, guddifachaa fi duulaan jabaachaa biyya ijaaraa fi ceesisaa asi ga’uu kaasanii, amalli kun garuu uummattoota lamaan gidduutti qofa kan daangeffame osoo hin taane amaliita uummattoota biyyattii ta’uu hubachiisaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia