Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun, misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, imala badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuuf hojjechaa jira.
Haaluma kanaan, mariin qaamolee hawaasaa Godina Gujii Lixaa fi Magaalaa Bulee Horaa* hirmaachise, mata-duree “Nagaa Waaressuun Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun geggeeffameera.
Marii kanarratti kan argaman Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa, Obbo Diriirsaa Waaqumaa, hawaasni waltumsee mootummaa waliin qindaa’uun qe’ee isaatti nagaa buusuu akka qabu hubachiisaniiru.
Komiishinarri Jeneraalaa Ittaanaa fi Hoogganaan Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Oromiyaa, Komishinar Darajjee Baay’isaa, Gujiin ilmaan isaa gorsuun nageenyi akka waara’u gochuu akka qabu kaasuun, Mootummaanis nageenya uummataa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchitoonni godinaalee lamaanis rakkoo nageenyaa keessaa bahuuf mootummaa fi uummanni qindoominaan waldeeggaranii hojjechuu akka qaban kaasuun, rakkoo nageenyaa furuuf namni hundi wal dhaggeeffachuu akka qabu eeraniiru.
Qaamoleen hawaasaa Godina Gujii Lixaa fi Magaalaa Bulee Horaa nagaa buusuun guddina biyyaaf utubaa ta’uu ibsuun, rakkoon nageenyaa yeroo yerootti mudatu lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaa geessisaa waan jiruuf, rakkoon kun mariidhaan furmaata argachuu akka qabu gaafataniiru.
Abbaa Gadaa Gujii, Jaarsoo Dhugoo, dabalatee jaarsoliin maricharratti hirmaatanis, Oromoon marii fi marabbaan wal-dhibdee jiru furee qe’ee ofiitti nagaa buusuu akka qabu dhaamuu isanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia