Hospitaalichi Magaalaa Hawaasaatti tajaajila yaalaa fi qorannoo rakkoo dhala dhabuu kennuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Hospitaalli Barkumee Qulqulluu Phaawuloos Magaalaa Hawaasaatti tajaajila yaalaa fi qorannoo rakkoo dhala dhabuu(Maseenummaa) kennuu eegaleera.
Hospitaalichii fi Biiroon Fayyaa Naannoo Sidaamaa tumsaan tajaajila kana eegalchiisuu ibsame.

Hospitaalli Barkumee Qulqulluu Phaawuloos Hospitaala akka biyyaatti tajaajila kana kannu ta’uu Hospitaalichatti Itti Gaafatamaaan Giddugala yaala maseenummaa fi walhormaataa Dooktar Masarat Aansaan himaniiru.

Tajaajilichi Finfinnee qofatti kennamaa turuun fedhii jiruun yoo madaalame gahaa akka hin taane eeruun,amma garee yaalaa gurmeessuun Biiroo Fayyaa Naannoo Sidaamaa waliin ta’uun tajaajilicha eegalchiisuu himan.

Daayrekterri Hospitaala Hundagalessaa Addaa Hawaasaa Dooktar Fitsuum Waldagabre’eel gama isaaniin, maseenummaa irratti ilaalchi dogoggoraa jiraachuu dubbachuun, rakkichi yaalaan sirrichuu akka danda’u hubachiisan.

Kanaafis hawaasaaf tajaajila kennuu eegalleerra jedhan.

Natsaannat Salamooniin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment