Inisheetiiviin Shaayii oomisha qonnaa fi sirna deeggarsaa ciccitaa irraa gara omisha gabaa tarsiima’aatti ce’a jira- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC)- Inisheetiivii Shaayii Oromiyaatiin, oomisha qonnaa fi sirna deeggarsaa ciccitaa irraa gara omisha gabaa tarsiima’aafi sirna deeggarsaa qindaa’aatti ce’aa jirra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan misooma baala shaayii Oromiyaa ilaalchiisee gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

𝐒𝐡𝐚𝐲𝐢𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚: 𝐎𝐦𝐢𝐬𝐡𝐚 𝐐𝐨𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐫𝐚 𝐇𝐮𝐦𝐧𝐚 𝐃𝐢𝐧𝐚𝐠𝐝𝐞𝐞 𝐓𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐦𝐚’𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢

Qabeenya qabaachuu qofti badhaadhina hinmirkaneessu. Gara humna dinagdee qabatamaatti jijjiiruuf ogummaa, dhaweessummaa, sirna deeggarsaa teEknooloojii, faayinaansii, invastimantii, sona dabalataa fi hidhata gabaa akkasumas cancala sonaa cimaa barbaada.

Inisheetiviin Shayii Oromiyaa, tarkaanfiilee yaada kana guutummaan hojiirra oolchuuf fudhatamaa jiran keessaa isa adda dureedha.

Lafti, qonnaan bulaan, biqiltuun, faayinaansiin, teknoolojiin, warshaan, gabaafi al-ergiin walumaagalatti cancalli sonaa sirna oomishtummaa tokko keessatti walitti hidhamaa jiru.

Hanga Inisheetiviin kun bara 2013 Labsii Alleetiin ifoomutti, misoomni baala shaayii naannoo keenyaa sadarkaa isaa malurraa fagoo ture.

Hanqinni kun uwwisa lafaa, oomishtummaa, qulqullinaafi galii irraa argamu keessatti muldhataa ture.

Kufaatiin kun rakkoo haala qilleensaa ykn lafa mijataa dhabuu hinturre; hanqina dandeettii qabeenya jiru gara omisha dorgomaa, tarsiima’aafi sona qabuutti jijjiiruu ture.

Inisheetivii Shayii Oromiyaatiin, omisha qonnaafi sirna deeggarsaa ciccitaa irraa gara omisha gabaa tarsiima’aafi sirna deeggarsaa qindaa’aatti ce’aa jirra.

Hanqinaalee gama uwwisa lafaa, oomishtummaafi qulqullinaatiin turan hambisuu qofa osoo hintaane, qonnaan bulaa cancala sonaa, kurfeessa omishaafi sona dabalataa, invastimantiifi hidhata gabaa biyya keessaafi alaa keessatti hirmaataa taasisaa jirra.

Kanaaniis, bu’uura sirna dinagdee baadiyyaa haaraa kaa’aa jirra.

Haata’u malee, ce’umsi qabatamaa sirna dinagdee baadiyyaa kan dhugoomu omisha qofaan osoo hintaane sirna dinagdee shaayii ijaarudhaani.

Bu’uuruma kanaan, intarpiraayizoonni qonnaa, warshaaleen shaayiifi cancalli sonaa —sassaabbii, geejjibaafi qophii omishaa irraa eegalee hanga ‘packaging’, ‘branding’fi raabsaatti— babal’achaa jiru.

Inisheetiviin Shaayii dhimma omisha tokkoo qofa miti. Qonnaan bulaa keenyaaf madda galii haaraati; dargaggootaaf carraa hojiifi ogummaadha; dubartootaaf carraa dinagdeeti; invastarootaaf gabaa haaraadha.

Naannoofi biyya keenyaf ammoo gos-daneessummaa omishaalee al-ergii, madda sharafa alaa haaraa, dorgomtummaa idil-addunyaafi humna dandamannaa dinagdeti.

Kanaaf, waa’ee baala tokkoo osoo hintaane waa’ee jijjiirama sirna diInagdee baadiyyaati.

Yeroo dhihoo keessatti, ‘Hobe Tea’, ‘Chora Tea’ fi ‘Gefere Tea’ maqaa kilaastaroota shaayii Oromiyaa irraa maddan ta’anii gabaa idil-addunyaa irratti muldhachuu jalqabu.

Maatiin qonnaan bultootaa Godinaalee Iluu Abbaa Boor, Bunnoo Baddelleefi Jimmaa, cancala sonaa kana keessatti baldhinaan hirmaachaa jiranis, of-jijjiiruu bira darbanii, ce’umsa caasaa diinagdee baadiyyaa keessatti gahee muldhataa qabaatu.

Inisheetivii Shayii Oromiyaa: baala qofa osoo hintaane, humna dinagdee haaraa biqilchaa jira.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment