Finfinnee, Fulbaana 20, 2019 (FMC) –Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii jalqabaa marsaa 4ffaa gaggeessaa jiruun Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa magaalichaa taasisuun moggaasera.
Miseensonni mana marichaas muudama dhiyaaterratti yaada dabalataa kennuun sagalee guutuun raggaasiseera.
Aadde Adaanech Abeebeen miseensota mana marichaa fuulduratti dhiyaachuun sirna kakuu raawwataniiru.
#Oromia #Ethiopia