Innisheetiivonni cabiinsawwan suphan dameewwan hundaan hojii irra oolaa Jiru – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Naannoo BeeniShaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan Innisheetiivonni cabiinsawwan suphan dameewwan hundaan hojii irra oolaa Jiru jedhan.

Pirezidaantiin naannichaa tajaajila giddugala tokkoo Masoob Baambasii akka naannichaatti sadaffaa ta’e eebbisuun hojiitti galchaniiru.

Wiirtuun kun tajaajiloota 36 dhaabbilee magaalichaa torbaa fi kan federaalaa sadii—tajaajila kennan walitti fiduun kan tajaajilu dha.

Obbo Ashaadilii Hasan ergaa yeroo sana dabarsaniin mootummaan Ida’amuu tajaajila giddugala tokkoo Masoob kanaan cabiinsawwan duraan kenninsa tajaajilaa keessa turan suphuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas, tajaajilli giddugala tokkoo Masoob hojiiwwan ijoo mootummaan Ida’amuu raawwachaa jiru keessaa isa tokko ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Ida’amuu kenniinsa tajaajilaa keessatti cabiinsawwan turan suphuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeruun, gaaffii ummataaf deebii kennuufis xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees, kenninsa tajaajilaatiin ala dameewwan hundaan cabiinsawwan turan suphuuf innisheetiivonni adda addaa hojii irra oolaa jiraachuu ibsuu isaanii odeeffannoon Biiroo Koominikeeshinii Naannichaa ni agarsiisa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment