Itiyoophiyaa fi Neezarlaandi hariiroo Immigireeshiinii fi dameewwan biroon qaban caalmaatti cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Neezarlaand hariiroo immigireeshinii fi dameewwan biroon qaban caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

Jilli Daayrektera olaantuu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Salamaawiit Daawwiitiin durfamu Neezaarlaanditti daawwannaa hojii gaggeesseera.

Kaayyoon daawwannichaa michummaa bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuurra darbee muxannoo Neezarlaandi dameewwan kanneeniin qabdu qoodachuuf ta’uu Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Faanaa Diijitaalitti himeera.

Daawwannaa kanaan dhaabbilee biyyattii garaagaraa daawwachuun hoggantoota waliin marii waloo tumsa biyyoota lamaanii cimsan gaggeessuu hime.

Hoggantoonni olaanoon Dhaabbilee Immigireeshinii Neezarlaandi baatii Guraandhalaa keessa Itiyoophiyatti daawwannaa hojii taasiisuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment