Finfinnee, Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Imereetota Araba Gamtoomanitti Ambaasaaddarri Guutuu RDFI Ambaasaddar Dooktar Jamaal Bakar Itiyoophiyaan dameewwan inveestimantii adda addaa irratti abbootii qabeenyaa Dubaay hirmaataniif deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenniti jedhan.
Ambaasaddar Dooktar Jamaal Bakar Pireezdaantii fi Hoji geggeessaa Ol’aanaa Mana Maree Daldalaa fi Warshaa Dubaay Mahaammad Alii Luutaah waliin mari’ataniiru.
Wayituma kanatti jila daldalaa miseensota 36 qabu dursuun Finfinnee kan daawwatanii turan Mahaammad Alii Luutaah, fooyya’iinsa dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ijaan arguu danda’uu isaanii dubbataniiru.
Iddoon invastimantii bal’aa fi mijataan biyyattiin qabdu abbootii qabeenyaa Dubaay biratti kaka’umsa ol’aanaa uumuu isaas dabalanii ibsaniiru.
Fooyya’iinsa kanaan walqabatee, dhaabbileen gurguddoon mana maree kana jala jiran Itiyoophiyaa keessatti dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uuf fedhii agarsiisuu isaanii eeraniiru.
Keessattuu, damee faayinaansii fi baankii Itiyoophiyaa kan dhiheenya kana investeroota alaaf banaa ta’e keessa daldalaan seenuuf qophii ol’aanaa eegaluu isaanii beeksisaniiru.
Ambaasaddar Jamaal Bakar gama isaaniin, Manni Maree Daldalaa Dubaay dhaabbilee Itiyoophiyaa hedduu waliin walitti hidhamiinsi daldalaa Finfinneetti taasise bu’a qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan abbootii qabeenyaa Dubaay gara dameewwan faayinaansii, qonnaa, annisaa haaromfamaa fi teeknoolojii irratti bobba’aniif deeggarsaa fi jajjabeessituu barbaachisaa ta’e hunda akka kennitu mirkaneessaniiru.
Mariin kun abbootii qabeenyaa Dubaay gara biyyaa galchuuf qophii dursaa kanaan dura hoogganoonni lameen raawwatanii fi dhiheenya kana Caamsaa keessa Finfinneetti milkiidhaan kan geggeeffame jila walitti hidhamiinsa daldalaa Itiyoophiyaa-Dubaay hordofee kan geggeeffameedha jedhameera.
#Oromia #Ethiopia