Itiyoophiyaan biyya seenaa injifannoo gurguddaa fi birmadummaa umrii dheeraa qabduudha

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) –Humni qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 90ffaa sababeeffachuun miidiyaaleef Magaalaa Bishooftuutti ibsa kenneera.

Humni qilleensichaa hundeeffama isaa waggaa 90ffaa mata duree ‘Samii Leencotaa-Itiyoophiyaa’ jedhuun Amajjii 15-19, 2018tti magaalaa Bishooftuutti sagantaa adda addaan kan kabaju ta’u Ajajaan Kutaa Qilleensaa 1ffaa fi Koree Qindeessituu ayyaanichaa
Birgaader Jeneraal Biruuk Seefuun himaniiru.

Ayyaana bara kanaa kan adda godhu yeroo ol ka’insii fi milkaa’inni gama hundaan galmaa’a jirurratti ta’uu isaa dubbatan.

Sagantaa hundeeffama humna qilleensaa kanarratti gareewwan biyyoota akka Raashiyaa, Moorokoo, Rippaabliika Cheekii fi Emireetoota Araba Gamtoomanii xiyyaara ammayyaan agarsiisa gaggeeffamurratti kan hirmaatan ta’uu Birgaadeer Jeneraal Biruuk Seefuun himaniiru.

Guyyicha sababeeffachuun torbeen agarsiisaa kan qophaa’u yoo ta’u, Dhaabbileen Aviyeeshinii biyyoota addunyaa adda addaa agarsiisicharratti kan hirmaataan ta’uu eeran.

Qondaaltoonnii fi Ajajootni humna qilleensaa biyyoota gurguddoo addunyaa dabalatee dhaabbileen gurguddoon ayyaana hundeeffama humna qilleensaa waggaa 90ffaa gaggeeffamu irratti ni argamu jedhan.

Kunis sadarkaan guddina humna qilleensa Itiyoophiyaa addunyaatti kan mul’atu ta’uu kan agarsiisu jechuun himan.

Sagantichi sirnoota garagaraan kan kabajamu yoo ta’u namoonni kumni 2 fi 500 ol irratti hirmaatuun eegama.

Dassaalanyi Abarraatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment