Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2019(FMC)- Namooma Raayyaan Ittisa Biyyaa RDFI agarsiiseefi birmadummaa Itiyoophiyaa ni deeggarra jedhan Attaasheewwan loltummaa Idil-addunyaa.
Miseensota Attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraaf haala waqtaawaa Itiyoophiyaa irratti Beezii Humna Qilleensaa Bishooftuutti ibsi kennameera.
Ibsichaan booda Attaasheewwan kunneen yaada kennaniin, haala nageenya waqtaawaa Itiyoophiyaa ilaalchisee odeeffannoowwan hin mirkanoofneefi dogoggoraa miidiyaalee hawaasaafi miidiyaalee garaagaraan tamsa’aa akka turan yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee Raayyaan Ittisa Biyyaa RDFI hawaasa dippiloomaatikiifi Attaasheewwan loltummaa affeeruun ibsi kenne qaawwaa jiru duuchuun odeeffannoo sirriifi waqtaawaa akka argatan dandeessisuu ibsaniiru.
Attaasheewwan loltummaa Ingiliz, Awustaraaliyaa, Baangilaadish, Keeniyaa, Gaaboon, Sudaan Kibbaafi Taanzaaniyaa yaada kennaniin, Itiyoophiyaan akka biyyaatti dirqama ishee bahachuun birmadummaa, tokkummaa daangaafi nageenya lammiilee eegsisuuf mirga uumamaafi seeraa akka qabdu mirkaneessaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa seerota waraanaa idil-addunyaa fi mirgoota namoomaa eeguun socho’aa akka jirus ibsaniiru.
Raayyichi lubbuu namoota nagaa eeguufi qiyyeeffannoowwan loltummaa seera qabeessa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu isaaf dinqisiifataniiru.
Nageenyiifi tasgabbiin Itiyoophiyaa nageenya biyyoota ollaafi Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii nageenyaafi tasgabbii kabachiisuuf eegale yeroo gabaabaa keessatti tasgabbii waaraa akka fidu amantaa qabanis ibsaniiru.
Hawaasni idil-addunyaa tattaaffii Itiyoophiyaan nageenya mirkaneessuuf taasiftu cinaa akka dhaabbatus waamicha dhiyeessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa